Acts 24:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani tana caalaa si dadhasiisuu hin barbaadu; teetuu malee himata gabaabaa nuuti qannu, gadh-laafinnaan akka nuuf dhageettu si kadhadha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbi d'eertuuni si gaargalchu imfed'u, tanaafi amma si kad'ad'a, dubbi teenna diqo tana d'agayi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dubbii dheertuun si gaargalchuu hinfedhuu, ammoo, si kadhadhaa, dubbii teenna diqqoo tana obsaan nuu dhagayi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo kana caalaa guddisee si hin tursiisu; hennama diqqoo gara laafumma'aan akka nu dhageettu si kadhadha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo kana caalaa guddisee si hin tursiisu, hennama diqqoo gara-laafumma'aan akka nu dhageettu si kadhadha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Amma garuu yeroo kee uduu hin balleessin gabaaba'atti waan sitti himu, fedha keetiin akka naaf dhageettuuf si ni kadhadha,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani tana caalaa si dadhassiisuu hin barbaadu; teetuu malee himata gabaabaa nuuti qannu, gadhi-laafinnaan akka nuuf dhageettu si kadhadha.