Acts 24:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Namichi kun dhukkuba hamaa nutti te'eera; inni Yihudoota biyya lafaa duudii oddu'utti nageya booressaa, golii worra Naaziretiitiif sooressaa te'eera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu nama kana ka nama gaargalchu argine; inni fulla deemu ch'ufati Yahudi yaka; inni gudda worra Nazarayoti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nu nama kana ka nama gaargalchu argine; innii fulaa deemu cufaatti Yihudii yakka; innii guddaa warra Naazireet ka dharaan Yesusitti dhugeeffate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni kun akka dhibe'ee ta'ee Yihuudota adunyaa irra jiran maraa booreessa'aa, worra barumsa sobaa barsiisaniif gosa worra filatameetiif masakkaa ta'ee waan argineef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni kun akka dhibe'ee ta'ee Yihuudota adunyaa irra jiran maraa booressa'aa, worra barumsa sobaa barsiisaniif gosa worra filatameetiif masakkaa ta'ee waan argineef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
naminni kun dhukkuba badaa nutti ta'ee jira, Yihudota biyya lafaa irra jiran mara irrattuu jeeqama ni kaasa, worri Naaziroota jedhamaniif'llee, durssaa isaaniiti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namichi kun dhukkuba hamaa nutti te'eera; inni Yihudoota biyya lafaa duudii oddu'utti nageya booressaa, golii worra Naaziretiitiif sooressaa te'eera.