Acts 24:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Liisiiyaasiin ajajaan woraana Rooma'aa dhufee, hunnaan harka keennaa isa fuudhee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammo guddaani keenna Lisiani d'ufe irre guddooni harka keenna keesaa isa fuud'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guddaan keenna Liisiiyaas ammoo dhufee irree guddoon harkaa nu fuudhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo Luusiyoos ajajaan loltuu kumaa dhufee hunnaan nu harkaa fudhate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo ajajaan loltuu kumaa Lusiiyoos dhufee, hunnaan nu harkaa fudhate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
garuu ajajaan woraanaa Lusiiyoos dhufee, humnna ol aana'aan harka keennaa butee fudhatee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Liisiiyaasiin ajajaan woraana Rooma'aa dhufee, hunnaan harka keennaa isa fuudhee,