Acts 25:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Fesxoos bulchaa te'ee guyyaa sadiin duuba, Qiisaariya'aa ka'ee gara Yerusaalemii dhaqe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya sadi lafa suni keesa teennaani Festoni Kaisaria kae Yerusalemu d'aqe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Fisxoos eegii guyyaa sadii lafa sun keessa taa'ee, Qiisaariyaa ka'ee Yerusaalem dhaqe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fisxoosillee gara godinaa seenee guyyaa sadihiin maayii Qisaariya'aa gara Yerusaalemii baye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Fisxoosillee gara godinaa seeneti guyyaa sadihiin maayii Qisaariya'aa gara Yeruusaalemii baye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Fesxoos'llee gara biyya isaa Qiisaariyaa galee guyyaa sadihi eega tureen duubatti, achii gara Yerusaalemii ni deeme.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Fesxoos bulchaa te'ee guyyaa sadiin duuba, Qiisaariya'aa ka'ee gara Yerusaalemii dhaqe.