Acts 25:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Phawuloos deebisee, “Ammumaayyu ani addee muraa itti fudhadhu, barcumaa mura'aa ka Mootii Mootota Rooma'aa dura dhaabbadheera. Akkuma ati midhaassitee beettu, ani Yihudoota irratti yakkaa tokkolle hin hunye.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Pauloni waan jed'e, Anini barch'uma kora ka hayyu Kaisari dura ejad'a, fulla iti na qoru malani. Anini Yahudi dura woma iyakine, akuma atini beetu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Phaawulos ammoo, “Ammumaayyuu anin barcumaa murtii ka hayyuu Roomaa dura ejjuu jira, fulaan tun fulaa itti na qoruu malan. Akkuma atuu beettuu anin Yihudii duraa homaa hin yakkine.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Phaawuloos ammo, «Ammumaa ani hulee murtee itti argadhu teessoo murtee Qeesaarii afoo dhaabadheera. Akkuma attillee sirri'itti beettu ani Yihuudota womaa hin yakkine.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Phaawuloos ammoo, «Ammumaa ani hulee murtee itti argadhu teesso murtee Qeesaarii afoo dhaabadheera. Akkuma attillee sirri'itti beettu, ani Yihuudota womaa hin yakkine.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulos garuu akkana jechu'uun deebii ni kenne, «Kunoo ani falmmachuu bakka itti malu barccumaa nugusa Roomaa Qiisaariyaa durana dhaabadhee jira, ati'llee akkuma midhaassitee beekitutti, Yihudota irratti ka raawwadhe balleessaan woyiituu hin jiru,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Phawuloos deebisee, «Ammumaayyuu ani addee muraa itti fudhadhu, barcumaa mura'aa ka Mootii Mootota Rooma'aa dura dhaabbadheera. Akkuma ati miidhassitee beettu, ani Yihudoota irratti yakkaa tokkolle hin hunye.