Acts 25:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani yakkee waan du'a anatti mursiittu yoo godhee jiraadhe, du'a jalaa bayiisaaf hin gaafadhu. Ammoo himati isaanii yoo dhugaa hin te'in, eennulle isaanitti dabarsee na kennuu hin dande'u. Ani amma Mootii Mootota Rooma'aatitti iyyadha” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo anini wollaala qabaad'e yokhaani waan duu maleefi tolche, anini duisa indidu. Ammo yo wonti na himataniifi kunini injirre, nami tokoleeni dandae harka worrati na inkennu. Anini Kaisari kad'ad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin yo wallaala qabaadhee yokaan yo waan du'uu maleef tolchee, du'a hindidu. Ammoo yo wantii na himataniif kunin hinjirree, namii tokkoolleen danda'ee harka warraatti na hinkennu. Anin hayyuu Roomaa inkadhadhaa” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa yoo yakkee yookaan waan nama ajjeesisu godhee jiraadhe du'a jalaa oola hin jedhu. Yoo himannaan na himatan kun duwwaa ta'e ammo, isaanitti dabarsee ka na kennuu danda'u eennullee hin jiru; gara Qeesaarii iyyadheera» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa yakkee yookiin waan nama ajjeesisu godhee yoo jiraadhe, du'a jalaa ola hin jedhu. Yoo himannaan na himatan kun duwwaa ta'e ammoo, isaanitti dabarsee ka na kennuu danda'u eennullee hin jiru. Gara Qeesaarii iyyadheera» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
balleessaa yoo ta'e yookiin balleessaa du'aan ana adabsiisu yoo raawwadhee jiraadhe du'a irraa haa hafu hin jedhu, garuu himannaan isaanii tasa yoo ta'e, eennu'llee isaaniif dabarssee ana kennu'uuf hin danda'u, ani garuu gara nugusa Rooma'aa naa haagalu jedhee jira» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani yakkee waan du'a natti mursiittu yoo godhee jiraadhe, du'a jalaa bayiisaaf hin gaafadhu. Ammoo himati isaanii yoo dhugaa hin te'in, eennulle isaanitti dabarsee na kennuu hin dande'u. Ani amma Mootii Mootota Rooma'aatitti iyyadha» jedhe.