Acts 25:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Fesxoos worra isa gorsu woliin mari'atee, “Maarre mootichatti iyyadha eega jette, gara mootichaa hin dhaxxa” jedhee itti hime.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi Festoni worra kora ka isa woliini tauni dubbate, inni waan jed'e, Atini ya dubbi tiyya Kaisarini naa ga jette, fulla isaa inuma deemta.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Fesxoosis warra kora isa waliin taa'uun mari'aatee jennaan, “ ‘Atin ya dubbii tiyya hayyuu Roomaatiin naa gaha’ jettee, fulaa isaa inuma deemta” jedhaniin.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san Fisxoos worra isa gorsu woliin mari'atee, «Gara Qeesaarii waan ol iyyatteertuuf gara Qeesaarii deemta» jedhee deebiseef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san Fisxoos worra isa gorsu woliin mari'atee, «Gara Qeesaarii ol'iyyatteertaa gara Qeesaarii deemta» jedhee deebiseef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo kana Fesxoos gorssitoota isaa woliin mari'ateeti, «Gara nugusa Roomaa naa haagalu eega jette, gara nugusichaa ni deemtta» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Fesxoos worra isa gorsu woliin mari'atee, «Maarre mootichatti iyyadha eega jette, gara mootichaa hin dhaxxa» jedhee itti hime.