Acts 25:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan guyyaa hedduu achi turaneen duuba, Fesxoos waan dubbii Phawuloosii mooticha Agriipha'atti issee himee, “Nami Feeliksi hidhee lakkisee deeme tokko as jira;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi worri guyya heddu achi tae, Festoni waan Paulo hayyuti hasae waan jed'eeni, Namicha tokoti jira, ka Felikini hid'aansa keesati lakise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii warrii guyyaa hedduu ach taa'e, Fesxoos waan Phaawulos Agriiphaa hayyiachaatti haasa'ee, “Namicha tokkotti ka Feeliks hidhaansa keessatti lakkise arma jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa hedduu waan achi taa'aniif Fiisxoos waan Phaawuloosii mootichatti akkana jedhee ibseef, «Namichi Filiksi hidhee gad dhiisee deeme tokko asi jira.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guyyaa hedduu waan achi taa'aniif, Fisxoos waan Phaawuloosii mootichaatti akkana jedhee ibseef, «Namichi Filiksi hidhee gad dhiisee deeme tokko asi jira.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Achi'llee guyyaa baay'ee taa'uu isaaniitiin, Fesxoos waayee dhimma Phaawulosii akkana jechuun, nugusa Agriiphaaf ni ibise, «Ka Feelikiis hidhee dhiise naminni tokko asi ni jira,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan guyyaa hedduu achi turaneen duuba, Fesxoos waan dubbii Phawuloosii mooticha Agriipha'atti issee himee, «Nami Feeliksi hidhee lakkisee deeme tokko as jira;