Acts 25:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worri isa himatu isa himatiisaaf yennaa bira dhaabbatane, inni waan hantuu hujeera jedhee akka ani yaadetti, isaan waan himataan isa gewu tokkolle hin dhikeessine.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri isa himatu olejanje, ammo aka anini qara sehe diqole inhimanne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii isa himatu ammoo dubbachuuf ol ejaajjinaan, akka anin qara sehe waan hamtuu homaa isa hinhimanne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri isa himatullee hennaa dhaabatan, himannaa hamaa ani yaade woyiituu hin himanne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri isa himatullee hennaa dhaabatan, himannaa hamaa ani yaade woyiituu hin himanne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Himattoonni isaa'llee yeroo dubbachu'uuf isa bira dhaabatanitti, haga ani waan hamaa hojjate jedhee tilmaameetiin, waan himatamuun isa gayu woma tokkoo isa irratti hin dhiyeesine.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri isa himatu isa himatiisaaf yennaa bira dhaabbatane, inni waan hantuu hujeera jedhee akka ani yaadetti, isaan waan himataan isa gewu tokkolle hin dhikeessine.