Acts 25:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Moromaan isaan isa woliin qabanu marroo dhugeeffannaa ifiitii fi marroo Yesuusii du'eeru, ka Phawuloos ammoo, ‘Jiraata'a’ jedhuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti worri wolmormu waan aada worraa toko, ammalle waan namicha due toko, ka Yeso jed'ani, ka Pauloni, Injira jed'u.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii warrii walmormu waan dhugeeffachaa warraatii fi waan namicha Yesus jedhanii ka du'e tokko ka Phaawulos ammoo, “Innii injira” jedhuu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo waan amantii ufiitii fi waan Phaawuloos ‹jiraata'a› jedhu waan du'aa ka'uu Yesuusii irratti isaan wol morma'aa turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo waan amantaa ufiitii fi waan Phaawuloos jiraata'a jedhu waan du'aa ka'uu Yesuusii irratti isaan wol morma'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu isaa woliin irratti wol mormman ka ture, waayee amantii isaanii Kristosiitiif waayee ka du'ee turee, Phaawulos garuu ‹jiraataa› waayee Yesusii jedhuuti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Moromaan isaan isa woliin qabanu marroo dhugeeffannaa ifiitii fi marroo Yesuusii du'eeru, ka Phawuloos ammoo, ‹Jiraata'a› jedhuu ti.