Acts 25:23 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Boruyyaa Agriiphaa fi Berniiqeen, uffana mootummaa ifii uffatanee, ulfinna gudda'aan dhufanee, sooressitoota loltootaatii fi jaarsolee qacha'aa woliin, mana muraa itti kennanu ol seenane. Ajaja Feesxoosiitiin, Phawuloos ol seensisane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Boriyya Agripafi Bernikeni woya hayyuma naqatani ulfinna guddaani shumootaafi jara gugurda dira suni woliini fulla dubbi iti d'agayani olduudani. Jennaani Festoni nama erge Paulo yaame gadini koota jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Boriyyaa Agriiphaa fi Berniiqeen wayaa hayyumaa naqatanii ulfinna guddaan ajjajaa warraanaatii fi jara gugurdaa dira sunii waliin fulaa dubbii itti qoran olduudanii jennaan, Fesxoos nama ergee, “Phaawulos yaamaa gadiin koottaa!” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bariisaa Agriipha'aa fi Barniiqeen gaachena gudda'aan dhufanii ajajaa loltuu kumaatii fi hangaftoota qacha'aa woliin gara mana murte'ee seenan. Fiisxoos ajanyaan Phaawuloosiin fidan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bariisaa Agiirpha'aa fi Barniiqeen gaachena gudda'aan dhufanii, ajajaa loltuu kumaatii fi hangafoota qacha'aa woliin gara mana murte'ee seenan. Fiisxoos ajanyaan Phaawuloosiin fidan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf guyya itti aanutti Agriiphaa fi Berniiqeen uffata isaanii ka nugusaa uffataniiti, gaachena ol aanaan ta'anii, itti gaafatamoota woraanaa Kristosiitiif namoota ol aanota magaalaatiin'llee marffamanii dhufaniiti, gara galmma murtii'llee ni galan, achiin duubatti'llee Fesxoos Phaawulosiin ni waamsise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Boruyyaa Agriiphaa fi Berniiqeen, uffana mootummaa ifii uffatanee, ulfinna gudda'aan dhufanee, sooressitoota loltootaatii fi jaarsolee qacha'aa woliin, mana muraa itti kennanu ol seenane. Ajaja Feesxoosiitiin, Phawuloos ol seensisane.