Acts 25:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Feesxoos, “Mootii Agriipha'a! Isinille worra nu woliin as jirtanu duudiin keessan! Namichi isin dhaggitanu kun, jiraatu'uuf hin malle jedhanee, kolbaan Yihudootaa duudiin Yerusaalemii fi asille'etti anatti iyyataneeran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Festoni waan jed'e, Hayyu Agripafi worra arra arma nu woliini jirru: isani nama kana inargitani, ka gumiini Yahudi ch'ufti Yerusalemufi armaleti na kad'atte, Inni jiraachu himmalle jette iyite.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Fesxoos, “Hayyuu Agriiphaa fi warra ardha arma nu waliin jirtan cufa, isan nama kana ka gumiin Yihudii cuftii Yerusaalemii fi armaallee natti dhuftee, ‘Innii jiraachuu hinmalle’ jettee iyyite ingartan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fiisxoosillee akkana jedhe, «Mootii Agriiphaa'a! isinillee namoonni nu woliin jirtan maruu! ‹namichi isin argitan kun ammaa achi lubbu'uun jiraatuun isa hin barbachisu› jedha'aa baniin Yihuudotaa maruu Yerusaalemii fi asittillee natti iyyataniiran.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Fiisxoosillee akkana jedhe, «Mootii Agriiphaa'a, isinillee namoonni nu woliin jirtan maruu, namichi isin argitan kun ammaa achi lubbu'uun jiraatuun isa hin barbachisu jedhaa'a, baniin Yihuudotaa maruu Yeruusaalemii fi asittillee natti iyyataniiran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkana'llee ni jedhe, «Yaa nugusa Agriiphaa! Isin'llee namoonni nu woliin jirttan marrinuu! Yihudonni ‹naminni kun ammaa achitti lubbuun jiraachuu hin qabu› jechuun iyyaa Yerusaalemtti'llee, asiin'llee akka itti murtteeffamuuf ka ana gaafatan nama argittan kana.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Fesxoos, «Mootii Agriipha'a! Isinille worra nu woliin as jirtanu duudiin keessan! Namichi isin dhaggitanu kun, jiraatu'uuf hin malle jedhanee, kolbaan Yihudootaa duudiin Yerusaalemii fi asille'etti natti iyyataneeran.