Acts 25:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Namaa hidhame tokko, waan inni itti himatame adoo hin qulleessin, Mootii Mootota Rooma'aatitti ergiisii, sirrii anatti hin fakkaattu” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aki nama hid'aansa keesa jiru ergani, ka waan isa himataniifi imbeesisiini, fullaaniti jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akki nama hidhaansa keessa jiru tokko adoo waan himataniif hinbeessisin gara hayyuu ergan fulaaniti” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hidhamaan yoo ergamu sababaa himatameef qulqulleessanii erguu dhabuun waan gowwummaa natti fakkaatuuf.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hidhamaan yoo ergamu sababaa himatameef qulqulleessanii erguu dhabuun waan gowwummaa natti fakkaatuuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Hidhamaan gara qaama ol aanaa yoo ergamu, waayee ittiin himatamee ibisuu dhabuun isaa, gowwummaa fakkaatee natti muldhatee jira.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namaa hidhame tokko, waan inni itti himatame adoo hin qulleessin, Mootii Mootota Rooma'aatitti ergiisii, sirrii natti hin fakkaattu» jedhe.