Acts 25:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan kara'atti riphanee Phawuloos akka ijjeesanu waan malataneef, isa Yerusaalemitti nuuf ergi jedhanee, Fesxoos kadhatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
aka inni worra qarqaare haga Yerusalemu nama erge Paulo fuud'u. Wonti akanatiifi Yahudiini qara aka kara keesati isa eegani ijeesani mariatte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Wal mari'aattee isa ijjeessuuf karaa irratti dhokattee, Phaawulos Yerusaalemitti nuu ergi!” jettee isa kadhatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan karaa irratti riphanii Phaawuloosiin ajjeesu'uuf waan malataniif akka inni isaan gargaaree isa Yerusaalemitti ergu Fisxoosiin kadhatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan karaa irratti riphanii Phaawuloosiin ajjeesu'uuf waan malataniif, akka inni isaan gargaaree isa Yerusaalemitti ergu Fisxoosiin kadhatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
kana'llee wonitti jedhaniif, Phaawulosiin karaa irratti eeganii, ajjeesuunii waan barbaadaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan kara'atti riphanee Phawuloos akka ijjeesanu waan malataneef, isa Yerusaalemitti nuuf ergi jedhanee, Fesxoos gaafatane.