Acts 25:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Fesxoos deebisee, “Phawuloos Qiisaariya'atti hidhamee eegamiisatti jira; anille dafee achi deebi'aara.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Festoni waan jed'e, Paulo la Kaisaria keesati hid'ani, anileeni d'iotu achi d'aqa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Fesxoos ammoo deebisee, “Phaawulos Qiisaariyaa keessatti hidhanii eeguu jiran, anilleen dhiyoottuu achi dhaqa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fisxoos ammo, «Phaawuloos Qisaariya'atti akka eeganiin, innillee akka dafee achii deemu deebisee isaanitti hime.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Fisxoos ammoo, «Phaawuloos Qisaariya'atti akka eeganiin, innillee akka dafee achii deemu deebisee isaanitti hime.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Fesxoos garuu, «Phaawulos Qiisaariyaa mana hidhaa titti eegamaati jira, ani'llee amma dadafee deebi'ee, garasi ni deema,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Fesxoos deebisee, «Phawuloos Qiisaariya'atti hidhamee eegamiisatti jira; anille dafee achi deebi'aara.