Acts 25:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Fesxoos guyyaa saddeeti yookiin guyyaa kudhan isaan bira bubbuleen duuba, gara Qiisaariya'aa deeme; boruyyaa barcumaa mura'aa irra tee'ee, akka Phawuloos dhikeessanu ajaje.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Festoni guyya saddeeti yokhaani kud'anfa worra woliini tae Kaisariati gadi bue. Boriyya barch'uma abba qorsuma ira tae Paulo yaama jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Fesxoos guyyaa saddeet yokaan kudhan warra waliin bulee Qiisaariyaatti gadbu'ee, boriyyaa barcumaa abbaa qorsummaa irra taa'ee “Phaawulos yaamaa” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan bira guyyaa saddeetii yookaan kudhan taa'ee gara Qisaariya'aa gad bu'e. Bariisaa dhaddacha murti'ii irra taa'ee Phaawuloosiin akka fidan ajaje.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan bira guyyaa saddeetii yookiin kudhan taa'ee gara Qisaariya'aa gad bu'e. Bariisaa dhaddacha murti'ii irra taa'ee, Phaawuloosiin akka fidan ajaje.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Fesxoos'llee yeroo guyyaa saddeeti yookiin kudhan hin caalle, isaaniin woliin eega dabarsseen duubatti, gara Qiisaariyaa ni deeme, achi'llee eega gayeen duubatti, guyyaa itti aanutti barccumaa murttii irra ta'eeti, Phaawulosiin akka dhiyeessaniif ni ajaje.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Fesxoos guyyaa saddeeti yookiin guyyaa kudhan isaan bira bubbuleen duuba, gara Qiisaariya'aa deeme; boruyyaa barcumaa mura'aa irra tee'ee, akka Phawuloos dhikeessanu ajaje.