Acts 25:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Phawuloos ammoo, “Ani Seera Yihudootaa irratt yookiin Galma Waaqaa irratti yookiin Mootii Mootota Rooma'aa irratti yakkaa tokkolle hujee hin jiru” jedhee falmate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Pauloni ufii dubbate waan jed'e, Anini Seera tokole iyakine aada Yahuditiifi Mana Waaqatiifi hayyu Kaisari duraleti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Phaawulos ammoo, “Anin seera warra Yihudii irratti, Mana Waaqatii fi hayyuu Roomaa irraalleetti waan walaalaa tokkoollee hin hojjanne” jedhee falmate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Phaawuloos hennaa falmatu, «Seera Yihuudotaa, mana woyyu'uutii fi Qeesaariinillee yoo ta'e waan tokko hin yakkine» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Phaawuloosillee hennaa falmatu, «Seera Yihuudotaa, mana woyyu'uutii fi Qeesaariinillee yoo ta'e waan tokko hin yakkine» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulos'llee, «Ani seera Yihudotaa irratti'llee ta'ee yookiin Mana Waaqeffanna'aa yookiin nugusa Rooma'aa irratti, balleessaan raawwadhe hin jiru» jechu'uun, deebii isaa ka ittisa ni kenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Phawuloos ammoo, «Ani Seera Yihudootaa irratti yookiin Galma Waaqaa irratti yookiin Mootii Mootota Rooma'aa irratti yakkaa tokkolle hujee hin jiru» jedhee falmate.