Acts 25:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Fesxoos Yihudoota gammachiisiisaaf barbaadee, Phawuloosiin, “Gara Yerusaalemii dhaxxee, dubbii tanaaf akka ani muraa siif kennu hin feetaa?” jedhee gaafate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo waan Festoni Yahudi gammachiisu fed'eefi, waan Pauloni jed'e, aka anini Yerusalemu si geese achiti dubbi tante qoru feeta?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Fesxoos ammoo Yihudii gammachiisuu fedhee Phaawulosiin, “Akka Yerusaalemiitti ol baatee achiitti ani dubbii tantee qoru feetaa?” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fisxoos ammo Yihuudota gammachiisuu barbaadee Phaawuloosiin, «Gara Yerusaalemii deemtee waan kanaaf afoo kiyyatti akka sii murtaayu feetaa?» jedhee deebiseef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Fisxoos ammoo Yihuudota gammachisuu barbaadee Phaawuloosiin, «Gara Yerusaalemii deemtee waan kanaaf afoo kiyyatti akka sii muramu feetaa?» jedhee deebiseef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Fesxoos garuu Yihudota gammachisiisu'uuf barbaadee Phaawulosiin, «Gara Yerusaalemii deemittee, waayee dhimma kanaa achitti ana duranatti mormmachu'uuf ni barbaadaa ree?» ni jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Fesxoos Yihudoota gammachiisiisaaf barbaadee, Phawuloosiin, «Gara Yerusaalemii dhaxxee, dubbii tanaaf akka ani muraa siif kennu hin feetaa?» jedhee gaafate.