Acts 26:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Agriiphaan Phawuloosiin, “Ifii keetiif falmatuu hin dandeetta” jennaan, Phawuloos harka ifii diriirsee falmatee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Agripani waan Pauloni jed'e, Atini ufii dubbad'u. Pauloni harka dirirfate ufii dubbate waan jed'e:
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Agriiphaan Phaawulosiin, “Atin ufii dubbachuu indandeetta” jennaaniin, Phaawulos harka diriirfatee,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Agriiphaan Phaawuloosiin, «Waan kee akka dubbattu si hoffolchineerra» jedheen. Hennaa san Phaawuloos harka ufii hiixatee akkana jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Agriiphaanillee Phaawuloosiin, «Waan kee akka dubbattu sii hoffolchineerra» jedheen. Hennaa san Phaawuloos harka ufii hiixatee akkana jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Agriiphaan Phaawulosiin, «Waayee mataa keetii akka dubbattu siif eeyyamamee jira» jedheen, Phaawulos'llee harka hiixateeti akkana jechuun, deebii isaa ka ittisaa ni kenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Agriiphaan Phawuloosiin, «Ifii keetiif falmatuu hin dandeetta» jennaan, Phawuloos harka ifii diriirsee falmatee,