Acts 26:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa hedduu Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti isaan adabee, akka isaan dhugeeffannaa ifii mormatanu godhiisaaf wodhaaneera. Isaan irralle'etti aaree, qachaa ormaa keessalle'etti isaan miidheera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro heddu mana Waaqa iti kad'atani keesati worra gaargalche, aada worraa worra mormachiise. Anini guddo worrati dalane dira lafa ch'ufa d'aqe, worra gaargalche.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. roo hedduu manneen waldeennaa cufa keessatti warra gaargalchee karaa mataa itti muree dhugeeffachaa warraa warra mormachiise. Anin guddoo warraatti dallanee dira lafa cufaa dhaqee, warra hadhee gaargalche.”
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mana sagadaa marattuu hennaa hedduu akka isaan arrabsan namoota jajjabessa'aa ture. Hennaa guddisee isaaniin lolu haga qacha'aan alaatii fi haga biyyaan alaa isaan ari'a'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Mana sagadaa marattuu hennaa hedduu akka isaan arrabsan namoota jajjabessa'aa ture. Guddisee hennaa isaaniin lolu, haga qacha'aan alaatii fi haga biyyaan alaa isaan ari'a'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo baay'ee'llee bakka wolgayii titti akka adabamanii fi Gooftaa irraatti jecha arrabaa akka dubbatan, isaan ni dirqissiisan ture, isaan irratti'llee haalaan dalanee garuma magaalota biyya alaa'llee bayee, isaan ni ari'a ture.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa hedduu Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti isaan adabee, akka isaan dhugeeffannaa ifii mormatanu godhiisaaf wodhaaneera. Isaan irralle'etti aaree, qachaa ormaa keessalle'etti isaan miidheera.