Acts 26:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Mooticha! Orraa gara sa'aatii jaatitti ani karaa gubbaa adoo jiruu, ifi aduu caalaa balaqqisu gubba'aan gadi dhufuun dhagge; ifi sunille adaala kiyyaa fi namoota na woliin deemiisatti jiranuutitti ife.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
saa jaa ka guyya, ee hayyicha, anini ifsa gubba nati ifsu, ka adu ira ifsu, kara keesati arge, ka naafi jara na woliini yauti ifsu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Saatii ja'a ta guyyaa, ee hayyicha, anin ibsee gubbaa natti ibsituu, ka aduu irra ibsituu, karaa keessatti arge, ka naa fi jara na waliin yaa'utti ibsitu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootii kiyya! karaa irratti guyyaa wodhakkaa yoo ta'u naannoo kiyyaa fi naannoo worra na woliin deemaniitittillee ifti ifa adu'uutii ol ta'e samii irraa hennaa ifu arge.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Mootii kiyya! karaa irratti, guyyaa wodhakkaa yoo ta'u naannoo kiyyaa fi naannoo worra na woliin deemaniitittillee ifti ifa adu'uutii ol ta'e samii irraa hennaa ifu arge.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa nugusa! Karaa irra uduu jiru, guyyaa wolakkaa yoo ta'u, ifa aduu caalaa ni arge, ifin kun'llee anaa fi naannoo namoota anaan woliin deemanii titti, samii ni ife.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mooticha! Orraa gara saatii jaatitti ani karaa gubbaa adoo jiruu, ifi aduu caalaa balaqqisu gubba'aan gadi dhufuun dhagge; ifi sunille adaala kiyyaa fi namoota na woliin deemiisatti jiranuutitti ife.