Acts 26:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ati ila isaanii bantee, dukkana irraa gara ifaa, hunna Seexanaa jalaa gara Waaqaa isaan hin deebitta; isaanille anatti dhugeeffatiisaan, cubbuu ifiitiif araara dhaggatanee, kolbaa Waaqaaf woyyoonte oddu'utti dhaala fudhatan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini ila worraa bante, dukana ira gara ifsa worra deebifta, ammalle jabeenna Sheet'ana iraa Waaqati worra deebifta; aka d'ugefacha worri na d'ugefateeni daba worraa araaramaniifi, gumi Waaqi fohate keesati fulla argatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Atin ila warraa banteetti, dukkana irraa gara ibsee warra deebifta, ammallee jabeenna Sheexanaa irraa Waaqaatti warra deebifta; akka dhugeeffachaa warrii na dhugeeffateen cubbuu warraa araaramaniifii, gumii Waaqii foohate keessatti fulaa argatani’ ” naan jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dukkanaa gara ifaa, baallii seexanaa keessaa gara Rabbii akka deebi'an ija isaanii akka bantuuf banii itti si ergu worra Yihuudota hin taane jalaallee si oolcha.›
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dukkanaa gara ifaa, baallii seexanaa keessaa gara Rabbii akka deebi'an ija isaanii akka bantuuf banii itti si ergu worra Yihuudota hin taane jalaallee si oolcha.›
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ija isaanii akka isaanii banttuu fi dukkana keessaa gara ifaa titti akka isaan baafttuuf, bulchiinsa sheexanaa jalaa'llee gara Waaqaa titti akka isaan deebifttuuf si ni taasisa, isaan'llee sababa anatti amanuu isaaniitiin dhiifama cubbuu ni argatan, worra filataman jiddu'utti'llee qabiyyee ni qoodaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati ila isaanii bantee, dukkana irraa gara ifaa, hunna Seexanaa jalaa gara Waaqaa isaan hin deebitta; isaanille natti dhugeeffatiisaan, cubbuu ifiitiif araara dhaggatanee, kolbaa Waaqaaf woyyoonte oddu'utti dhaala fudhatan› jedhe.