Acts 26:20 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Jalqaba worra Damaasqoo keessa jiruuf, itti aansee worra Yerusaalemii fi Yihudaa keessa jiru duudi'iif, achiin duuba worri Yihudoota hin te'inille cubbuu irraa deebi'anee, gara Waaqaa akka deebi'anu, cubbuu irraa deebi'uu isaaniille waan mudhisu akka hujanu, isanitti lallabeera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qara worra Damaski barsiise, ammalle worra Yerusalemu barsiise, duuba eege nama lafa Yudea ch'ufaafi ka gosa d'ibile ch'ufa barsiise aka worri daba lakise Waaqati deebie huji daba iraa deebiti garsiisu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qaraa warra Damaasqoo, barsiisee itti aansee warra Yerusaalem barsiisee, duuba eegee nama lafa Yihudaa cufaa ka afe ka gosa dhibiilee cufaa barsiisee akka warrii cubbuu lakkisee Waaqaatti deebi'ee hujii cubbuu irraa deebiti garsiisu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo duraan dursee worra Damaasqoo jiran, Yerusaalemittillee biyya Yihuudotaa maratti, worri Yihuudii hin taanellee akka aagii galaniif akka waan aagii galuun isaan barbaachisu irraa aagii galanii gara Rabbii deebi'aniif dubbadhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo duraan dursee worra Damaasqoo jiran, Yeruusaalemittillee biyya Yihuudotaa maratti, worri Yihuudii hin taanellee akka aagii galaniif akka waan aagii galuun isaan barbaachisu irraa aagii galanii gara Rabbii deebi'aniif dubbadhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu durssee namoonni Damaasqoo jiran itti aanssee'llee Yerusaalemii fi arddii Yihuda'aa'llee ka jiran marrinuu, akkuma kana ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee dabalatee, gara Waaqaa akka deebi'aniif isaan ni barsiise, gara Waaqaa deebi'uu isaanii'llee waan mulidhisu akka raawwataniif isaan ni barsiise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jalqaba worra Damaasqoo keessa jiruuf, itti aansee worra Yerusaalemii fi Yihudaa keessa jiru duudi'iif, achiin duuba worri Yihudoota hin te'inille cubbuu irraa deebi'anee, gara Waaqaa akka deebi'anu, cubbuu irraa deebi'uu isaaniille waan mudhisu akka hujanu, isaanitti lallabeera.