Acts 26:24 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Phawuloos akkana falmatiisatti jiruun, Fesxoos qoonqoo ol qabatee, “Phawuloos! Guddoo baratiis keeti si maraachaara!” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato inni dubbatu, Festoni qonqo olfud'ate waan jed'eeni, Paulo, atini ya maraate; waan atini guddo wo baratteefi qalbiini tante ya hamaatte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo innii dubbatuu, Fesxoos qoonqoo olfudhatee, “Phaawulos, atin ya maraatte; waan atin guddoo wa baratteef qalbiin tantee ya hammaatte” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Phaawuloos akkana jedhee waan ufii yoo deebisu Fiisxoos laagaa gudda'aan, «Phaawuloos! ati maraatteertaa bee; guddiftee baratuun kee gara maraattumma'aa si deebisa'aara!» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkana jedhee waan ufii yoo deebisuu, Fiisxoos laagaa gudda'aan, «Phaawuloos! ati maraatteertaa bee, guddiftee baratuun kee gara maraattumma'aa si deebisa'aaraa!» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulos kana dubbataa uduu jiru Fiisxoos, «Yaa Phaawulos! Amma dhugamaanuu maraattee jirta, baayi'ee barachuun kee gara maraatu'uutiin si gayee jira!» jechuun, iyyee ni dubbate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Phawuloos akkana falmatiisatti jiruun, Fesxoos qoonqoo ol qabatee, «Phawuloos! Guddoo baratiisi keeti si maraachaara!» jedhe.