Acts 26:29 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Phawuloos deebisee, “Yennaan gabaabbattulle yookiin dheerattulle, si qofa adoo hin te'in worri adha na dhage'iisatti jiranu duudiin, hidhamiisa kiyya malee, akka kiyya akka ite'anu Waaqa daadimadha” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Pauloni waan jed'eeni, Ha dubbi diqo taatu, ha guddo taatu, woni anini Waaqa kad'ad'u, aka si ch'allaaniti, ammo worri na ch'aqasu jiru kunini ch'ufti, aka anini jiru tahu, haada naani hid'ani kana male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Phaawulos deebiseefii, “Yo'ii Dheerattee gababannaaniilee, akka adoo si callaa hinta'in, warrii ardha na caqasuu jiru kun cuftii hidhansaa akka anin hidhamee malee, akka kiyya ta'uu Waaqaa kadhadha” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Phaawuloos, «Hennaa diqqoo keessatti yookaan hennaa dheeraa keessatti si callaa uduu hin taane worri adha na dhagayan maruu hidhaa kiyya kana malee akka kiyya akka ta'an Rabbiin isaanii kadhadha» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Phaawuloosillee, «Hennaa diqqoo keessatti yookiin hennaa dheeraa keessatti si qofa uduu hin taane, worri adha na dhagayan maruu, hidhaa kiyya kana malee, akka kiyya akka ta'an Rabbiin isaanii kadhadha» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulos'llee, «Yeroo gabaabdutti ta'ee yookiin yeroo dheeratti, si qofa uduu hin ta'in adha worri haasaya kiyya kana dhagayan marrinuu, hidhaana kiyya kanaa achitti, akkuma kiyya akka ta'aniif, Waaqa ni kadhadha» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Phawuloos deebisee, «Yennaan gabaabbattulle yookiin dheerattulle, si qofa adoo hin te'in worri adha na dhage'iisatti jiranu duudiin, hidhamiisa kiyya malee, akka kiyya akka ite'anu Waaqa daadimadha» jedhe.