Acts 26:32 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Agriiphaan, Fesxoosiin, “Nami kun ‘Mootii Mootota Rooma'aatitti iyyadha’ adoo jedhuu dhabee jiraate, sila akkanumaan lakkiffamaayyu” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Agripani waan Festoni jed'e, Nama kana sila gadi lakisani, ato inni Kaisari kad'achu d'ibaate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennnaan Agriiphaan Fesxoosiin, “Namicha kana adoo innii hayyuu Roomaa kadhachuu dhibaatee, silaa gadi lakkisan” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Agriiphaan Fiisxoosiin, «Namni kun bee, ‹Gara Qeesaarii uduu ol iyyachuu dhabaatee› silaa hiikuun hin danda'ama» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Agriiphaanillee Fiisxoosiin, «Namni kun bee, ‹Gara Qeesaarii uduu ol iyyachuu dhabaatee›, silaa hiikuu hin danda'ama» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Agriiphaan'llee Fesxoosiin, «Naminni kun gara Nugusa Roomaa naa haagalu jechuu uduu dhabaatee, bilisaan gad ni dhiifama ture» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Agriiphaan, Fesxoosiin, «Nami kun ‹Mootii Mootota Rooma'aatitti iyyadha› adoo jedhuu dhabee jiraate, sila akkanumaan lakkifamaayyu» jedhe.