Acts 26:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan yoo anaaf dhugaa bayuu fedhane, worra golii Fariisaayotaa ka dhugeeffannaa teenna jabeeffatanu keessaa, ani tokko akka te'e duruuyyuu beekan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri haga duriiti na beekha, aka anini aada teenna ta Farisayo guddo jabeese gula deeme yo fed'e dandae ind'ugeesa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii durumaa na beekaa, akka anin aadaa teenna jabduu Fariisotaa gula deemee, yo fedhe danda'ee indhugeessa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan yoo naaf ragaa bayuu barbaadan akka worra jabeessanii amantii cimsanii, worra maraa caalaa seera eegu'uun jabaate keessaa nama gosa Faarisii ta'ee akka jiraadhe dur irraa jalqabanii na beekan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan naaf ragaa bayuu yoo barbaadan, akka worra jabeessanii amantii cimsanii, maraa caalaa seera eegu'uun worra jabaate keessaa nama gosa Faarisii ta'ee akka jiraadhe duri irraa jalqabanii na beekan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dabalee'llee ragaa bayuu yoo fedhan, amantii keennaan worra haalaan jabeessan keessaa kutaa ta'e, ta'ee akka jiraadhe, jalqabumaa kaasanii ni beekan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan yoo naaf dhugaa bayuu fedhane, worra golii Fariisaayotaa ka dhugeeffannaa teenna jabeeffatanu keessaa, ani tokko akka te'e duruuyyuu beekan.