Acts 27:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akka nuuti hobolo'oon gara Ixaaliya'aa dhandhu yennaa murteessane, Phawuloosii fi warra hidhamane ka dhibii, kutaa woraana worra Rooma'aa “Awugusxoos” ka jedhamu keessa ka jiru, ajajaa dhibbaa Yulii'ositti dabarsanee kennane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aka nu lafa Taliana hobolooni deemu buufannaani worri Paulofi nama hid'aansa keesa jiru d'ibile harka namicha gudda askarti toko ka Yulio jed'aniti kenne, Yulioni gumi askarti Rumi ta askarti hayyu jed'ani keesa guddinna qaba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nu akka lafa Ixaaliyaa hoboloon yaanu buufannaan, warrii Phaawuloosii fi nama hidhaansa keessa jiru dhibiilee harka namicha guddaa warra waraanaa tokko ka Yulii'os jedhaniitti kenne; Yulii'os gumii warra waraana Roomaa ta “Waraana hayyuu” jedhan keessatti guddinna qaba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga gara Ixaaliya'aa markabaan akka deemnu murtaaye, Phaawuloosii fi worri hidhaa keessaa ka biraallee kutaa woraana Awugisxoosii keessatti ajajaa loltuu dhibbaa ka Yuuliwoos jedhamutti dabarsanii isaan kennan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gara Ixaaliya'aa markaabaan akka deemnu haga murtaaye, Phaawuloosii fi worri hidhaa keessaa ka biraallee kutaa worraana Agusxoosii keessatti ajajaa loltuu dhibbaa Yuuliwoos ka jedhamutti dabarsanii isaan kennan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara Ixaaliya'aa dooni'iin akka deemuuf yeroo murtteeffametti, Phaawulosii fi hidhamttoonni biraa'llee, kutaa hoomaa woraanaa Awugusxaa keessa ka turee, ajajaa dhibbaa Yuuliwoos jedhamutti isaan ni kennan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka nuuti hobolo'oon gara Ixaaliya'aa dhandhu yennaa murteessane, Phawuloosii fi worra hidhamane ka dhibii, kutaa woraana worra Rooma'aa «Awugusxoos» ka jedhamu keessa ka jiru, ajajaa dhibbaa Yulii'ositti dabarsanee kennane.