Acts 27:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Jarana! Haganaa achi hoboloo gudditti'iin deemiisi keenna kun akka balaa qabu dhagga; fe'iisaa fi hoboloon guddittiin baddee, lubbuun namaalle hin dhumatti” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'iiro, anini imaltu tana keesa aka nu gaargalafi d'ipu guddo argannu arga; hoboloofi miha ch'allaaniti, ammo lubbu teennale insodaad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Dhiiro, anin himaltuu tana keessa akka nu gaargalaa fi dhiphuu guddoo argannu arga; hoboloo fi mi'a callaanitii, ammoo lubbuu teennaalee insodaadha” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Phaawuloos akkana jedhee isaan seere, «Namoota nana! deemsa kana keessa miidha'aa fi badiin guddaan akka ta'u arga'aara; badiinillee jireenna mataa keennaa callaa uduu hin ta'in, fe'a'aa fi markaba irratti.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Phaawuloos, «Namoota nana, deemsa kana keessa miidha'aa fi badiin guddaan akka ta'u arga'aara; badiinillee jireenna mataa keennaa qofa uduu hin ta'in, fe'a'aa fi markaba irratti jedhee isaan gorse.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Isin namoota nana! Adeemissi keenna ka asii achi jiru balaa akka qabu natti ni muldhata, fe'aa fi doonii irratti qofa uduu hin ta'in, lubbuu namaa irratti'llee miidhaan cimaa fi badiin ni gaya.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Jarana! Haganaa achi hoboloo gudditti'iin deemiisi keenna kun akka balaa qabu dhagga; fe'iisaa fi hoboloon guddittiin baddee, lubbuun namaalle hin dhumatti» jedhe.