Acts 27:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Qilleensi laafaan karaa kibbaatiin bubbisuu yennaa jalqabe, akkuma isaan hedane waan teeteef seyanee, hoboloo guddittii hiikanee irga Qareexisiitiin abbaayaa guddittii irra deemane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bubbeeni laanuma gama bita bubbifte jennaani waan yau dandaani sehani; duuba sibiila lafaani qabatani hiikhani d'awatu lafa Krete bahani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Bubbeen laanumaa gama bitaa bubbiftee jennaan, waan yaa'u dandaan se'ani; duuba hoboloo isaanii hiikanii dhaattuu lafa Qareexisiin galaana irra yaan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa qilleensi haphiin kibbaa bubbise akka yaada isaanii waan ta'e isaanitti fakkaatee ka'anii qaccee Qarxeesiitiin lufan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Qilleensi haphiin bita'aa hennaa bubbise akka yaada isaanii waan ta'e isaanitti fakkaatee, ka'anii qaccee Qeerxeesiitiin lufan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bubbeen diqqoon kibbaa yoo bubbifttu yeroo arganitti, akkuma yaadan waan isaaniif ta'e isaanitti fakkaatee, xiribbaa dooni'ii itti hidhatan fudhatanii adeemissa isaanii itti fufuuf ni ka'an, kibbaa'llee ka'anii Qarxeesiin bira bayanii hunda lamaaniin ni dabrran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qilleensi laafaan karaa kibbaatiin bubbisuu yennaa jalqabe, akkuma isaan hedane waan teeteef seyanee, hoboloo guddittii hiikanee irga Qareexisiitiin abbaayaa irra deemane.