Acts 27:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Hoboloo ol harkisanee baasaneen duuba, hoboloon guddittiin akka hin diiganneef wodaro'oon xaxanee hidhane. Hoboloon guddittiin lafa maansa Sirtis jedhantutti nu duraa dhowanti jedhanee waan sodataneef, waan laana isii ideensisu gad hiissanee, bubbe'een oofamaa deemane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Olfuud'ani, haada hobolo jala dabarsani jabeesani, waan lafa Libia keesa lit'ani sehani sodaatani. Woya hobolooni deemsisani hiikhani akanumati lakisani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hoboloo sun ol harkisanii hoboloo irra kaa'anii, akka bubbeen gargarii hinbaamne haada jala baasanii jabeessanii hoboloon walitti hidhan. Waan gara lafa Libiiyaa keessa lixan se'anii sodaatanii, wayaa hoboloon deemsisan hiikanii akkanumaatti lakkisan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga gara goobaa baasaniin maayii markaba haadaan hidhanii jabeessanii gara hulee xindhacha sirtiis jedhamtuu akka hin kufne sharaa buusanii qilleensaan oofaman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gara goobaa haga baasaniin maayii markaba haadaan hidhanii jabeessanii gara hulee xindhacha sirtiis jedhamtuu akka hin kufne sharaa buusanii qilleensaan oofaman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Hojjattoonni doonii'llee hoboloo gara doonii harkisanii eega baasaniin duubatti, naanaya doonii titti haada maranii, dooniin gara bakka cirrachaa Suritiis ka jedhamttutti akka hin kufnneef, sodaatanii uffata sharaa buusaniiti, bubeen oofama'aa ni deeman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hoboloo ol harkisanee baasaneen duuba, hoboloon guddittiin akka hin diiganneef wodaro'oon xaxanee hidhane. Hoboloon guddittiin lafa maansa Sirtis jedhantutti nu duraa dhowanti jedhanee waan sodaataneef, waan laana isii ideensisu gad hiissanee, bubbe'een oofamaa deemane.