Acts 27:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Hoboloo qachaa Adraamiixosiitii kaatee, gara buufata hobolo'oo, ka irga lafa Asiya'aa dhaqiisaaf qophootte, yaabbannee deenne. Arisxaarkosiin, nami biyya Maqedooniya'aa ka Tasaloonqe'ee dhufe nu woliin jiraayyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu hobolo dira Andramitio ta aka lafa Asia deemtu kurfefate toko duunne iti d'aabanne. Namichi Aristarko jed'ani toko ka gosa Makedonia ka lafa Thesalonike nu woliini jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nu hoboloo dira Adraamiixosii gara lafa Asiyaa deemuu kurfeeffatte tokko duunnee itti dhaabanne. Namichii Arisxaarkos jedhan ka gosa Maqedooniyaa, ka lafa Tasaloniiqeetti dhufe tokkoleen nu waliin jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Markaba gara Adiraamixiisii daangaa Isiya'aatiin deemu'uuf ta'u keessa seennee achii kaane. Namichi Maqedooniya'aa Arixirokoosiin Tasolonqe'eellee nu woliin ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Markaba gara Adiraamixiisii daangaa Isiya'aatiin deemuuf ta'u keessa seennee achii kaane. Namichi Maqedooniya'aa Arixirokkoosiin Tasolonqe'eellee nu woliin ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Doonii Adiraamixoosii ka gara eddoolaawwan Adraamiixoosii maddii garba ciisaa jiranii deeman, yaabbanee ni deeminne, Arisxaarkosiin jedhamu naminni biyya Maqedooniyaa ka Tasoloonqee jiraatu'llee, nu woliin ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hoboloo qachaa Adraamiixosiitii kaatee, gara buufata hobolo'oo, ka irga lafa Asiya'aa dhaqiisaaf qophootte, yaabbannee deenne. Arisxaarkosiin, nami biyya Maqedooniya'aa ka Tasalonqe'ee dhufe nu woliin jiraayyu.