Acts 27:21 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Namooti adoo sagalee hin nyaatin guyyaa hedduu turaneen duuba, Phawuloos odduu isaanii dhaabbatee, “Jarana, waan ani isiniin jedhe dhageettanee Qareexisii adoo ka'uu dhaddane, bala'aa fi badiin tun isin hin dhaqqadduuyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi guddo agabani, Pauloni jiddu worra keesa ejate waan jed'eeni, D'iiro, isani qara naa ch'aqasu maltani, Krete bahu himmalle, aka gaargala kana arganne hori kana ch'ufa imballeesine.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii warrii adoo sagalee hin nyaatin guddoo turee, Phaawulos jidduu warraa keessa ejjee, “Dhiiroo, isan qaraa na caqasuu maltanii, Qareexiisee ba'uu hinmalle; akka gaargala kana argannee horii kana cufa hinballeessine.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu hin nyaatin guyyaa heddu haga turaniin maayii, Phaawuloos jidduu isaanii dhaabatee akkana jedhe, «isin namoota nana! uduu na dhageettaniirtan ta'ee Qarxeesii kaatanii rakkoon kun martii silaa isin irra hin gayu ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uduu hin nyaatin guyyaa heddu haga turaniin maayii, Phaawuloos jidduu isaanii dhaabatee akkana jedhe, isin namoota nana uduu na dhageettaniirtan ta'ee, Qeerxeesii kaatanii rakkoon kun martii silaa isin irra hin gayu ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni'llee nyaata woyiituu uduu hin nyaatin, guyyaa baay'ee ni turan, kanaaf Phaawulos jidduu isaanii dhaabatee, akkana ni jedhe, «Namoota nana! Waan ani isiiniin jedhe dhageettanii Qarxeesii ka'uu uduu dhabaattanii, miidhaan kun marri isin irra hin gayu ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti adoo sagalee hin nyaatin guyyaa hedduu turaneen duuba, Phawuloos odduu isaanii dhaabbatee, «Jarana, waan ani isiniin jedhe dhageettanee Qareexisii adoo ka'uu dhaddane, bala'aa fi badiin tun isin hin dhaqqadduuyyu.