Acts 27:28 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan waan ulfaatu qaccee wodaro'ootitti hidhanee gad busanee, gad fageenni bisaanii meetira afurtama te'ee dhaggane; diqqoo deemaneen duuba akkuma kaan wodaroo bisaan keessa buusanee gad fageenni meetira soddoma te'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Haada bisaani keesa buusani, heregani, haga d'und'uma saddeetama argani. Diqo deemani, iti deebiani haga d'und'uma jaatama argani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Haada bisaan keessa buusanii, akka herregan, gad fageennii bisaan haga dhundhuma saddeetamaa ta'uu argan. Diqqoo deemanii, itti deebinaan ammallee haada keessa gad buusanii, akka gad fageennii dhundhumaan haga jaatamaa ta'uu argan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haada bikkanii yoo gad dhiisan akka hojjaa namaatiin diddama akka ta'e arganii, diqqoo turanii lammeessoo yoo darban hojjaa namaatiin kudha shan akka ta'e argan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haada bikkanii yoo gad dhiisan akka hojjaa namaatiin diddama akka ta'e arganii, diqqoo turanii lammaffaa yoo darban hojjaa namaatiin kudha shan akka ta'e argan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf haada gad fageenna garba ciisa'aa ittiin bikkaati'ii gad yoo buusan, gad fageenni garba ciisa'aa haga meetira 40 ta'ee ni argame, muraasa turanii meeshaa ittiin bikkiinssaa gad yoo buusan, gad fageenna haga meetira 30 ni argatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan waan ulfaatu qaccee wodaro'ootitti hidhanee gad buusanee, gad fageenni bisaanii meetira afurtama te'ee dhaggane; diqqoo deemaneen duuba akkuma kaan wodaroo bisaan keessa buusanee gad fageenni meetira soddoma te'e.