Acts 27:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Boruyyaa qachaa Sidoonii geenne; Yulii'os Phawuloosiif gadhaa laafee, akka inni gara firoota ifii dhaqee, waan barbaachisu dhaggatu isaaf eeyyame.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Boriyya nu Sidoni d'umne. Yulioni Paulo qarqaare, aka inni gara jaalaani isaa deeme waan fed'u barbaadatu ee jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Boriyyaa Sidoonitti galle; Yulii'os Phaawulos qarqaaree, akka innii gara jaallaan isaa dhaqee waan fedhu barbaadatu “Ee'e” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bariisaa yoo gara Siidoona'aa geennu Yuuliyoos Phaawuloosiif garaa laafee akka inni gara firtoota ufii dhaqee waan isa barbaachisu akka isaa fidaniif hoffolcheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bariisaa gara Siidoona'aa yoo geennu, Yuuliyoos Phaawuloosiif garaa laafee akka inni gara firoota ufii dhaqee waan isa barbaachisu akka isaa fidaniif hoffolcheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaa itti aanutti'llee gara Sidoonii ni geenne, Yuuliwoos Phaawulosiif nama mishaa waan tureef, gara waahellan isaa deemee gargaarssa barbaachisuun, akka raawwataniif ni eeyyameef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Boruyyaa qachaa Sidoonii geenne; Yulii'os Phawuloosiif gadhaa laafee, akka inni gara firoota ifii dhaqee, waan barbaachisu dhaggatu isaaf eeyyame.