Acts 27:30 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuuba worri hoboloo guddittii oofu, dheetiisa barbaadanee, sibiila ulfaataa hoboloo guddittii duraan abbaayaa guddittii keessa waan gad buusanu fakkeessanee, hoboloo diqqittii hoboloo guddittii irra jirtu, abbaayaa guddittii keessa buusane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jari hobolo geesu hobolo keesaa baqachu fed'e; nama sobani hobolo ira taani diqo galaana keesa buusani, waan sibiila lafaani qabatani buusu fed'ani ufi tolchani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jarii hoboloo geessu hoboloo keessaa baqachuu fedhee, nama sobee hoboloo irra tataa'ee diqqoo galaana keessa buussee, waan sibiila lafaan qabatee buussuu fedhe ufi tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri markaba oofan markaba keessaa dheessuu barbaadanii sibiila ulfaataa markaba afo'oon gad buusanii isa irraan yabala gara galaanaa hennaa buusan,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri markaba oofan markaba keessaa dheessuu barbaadanii sibiila ulfaataa markaba afo'oon gad buusanii isarraan bidiruu gara galaanaa hennaa buusan,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Hojjattoonni doonii'llee doonii bayanii dheessuuf barbaadanii waan turaniif, doonii gara duraatiin xirbboota waan gad buusan fakkaatanii, hoboloo doonii irra turtte gara garba ciisaa ni gatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba worri hoboloo guddittii oofu, dheetiisa barbaadanee, sibiila ulfaataa hoboloo guddittii duraan abbaayaa keessa waan gad buusanu fakkeessanee, hoboloo diqqittii hoboloo guddittii irra jirtu, abbaayaa keessa buusane.