Acts 27:33 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Fuullee ganamaa, Phawuloos isaan duudiin sagalee akka nyaatanu kadhatee, “Isin adoo sagalee hin nyaatin adhi bultii kudhanii arfeesso'oo ti; yennaa tana mara womaa afaaniin hin qanne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafti bariinaani Pauloni worra ch'ufaani, Sagale nyaad'a jed'e; ammalle, guyyaani kunini guyya kud'ani afreesoti haga isani agabdani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo Laftii hinbarin akka warrii sagalee nyaatu Phaawulos warra sun cufaa gorsee, “Isan haga sagalee afaaniin hinqabinii ardha guyyaa kudhanii afureessoo.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa lafti bari'e Phaawuloos akka hurbaata nyaatan isaan maraa kadhata'aa ture. Akkana isaaniin jedhe, «uduu eeddan uduu hin nyaatin qooqa haga teettan adhi guyyaa kudha arfeesso'o.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa lafti bari'e Phaawuloos akka hurbaata nyaatan isaan maraa kadhata'aa ture. Akkana isaaniin jedhe, uduu eeddan uduu hin nyaatin, qooqa haga teettan adhi guyyaa kudha arfaffa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Halkan bari'uuf yoo jedhu marrinuu waan nyaataa akka nyaataniif Phaawulos isaan ni kadhate, akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Waan nyaataa woyiituu uduu afaaniin hin qabin, eeggata qofaan haga turttan adha guyyaa kudha arfaffaa keessan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Fuullee ganamaa, Phawuloos isaan duudiin sagalee akka nyaatanu kadhatee, «Isin adoo sagalee hin nyaatin adhi bultii kudhanii arfeesso'oo ti; yennaa tana mara womaa afaaniin hin qanne.