Acts 27:34 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf, akka isin sagalee nyaattanu isin kadhadha; jiraatiisaaf nyaatisa isin barbaachisa. Isin keessaa mataa nama tokkoo irraayyuu rifeensi tokkochille hin badu” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi anini isani kad'ad'a, sagale nyaad'a; wonti kunini irre isani taati. Rifeensi mata keesani tokoleeni imbadu jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf anin isan kadhadhaa, sagalee nyaadhaa; wantii kunin irree isanii taati. Rifeensii mataa keessanii tokkoolleen hinbaduu” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu akka hurbaata nyaattan isin kadhadha; kunillee akka jiraattaniif isinii ta'a; isin keessaa rifeensi mataa nama tokkollee hin badu.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu akka hurbaata nyaattan isin kadhadha, kunillee akka jiraattaniif isinii ta'a; isin keessaa rifeensi mataa nama tokkollee hin badu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf midhaan afaaniin akka qabddaniif isin ni kadhadha. Kun'llee jajabeenna isiniif ni kenna, gonkumaa miidhaan woyiituu isin irra hin gayu.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf, akka isin sagalee nyaattanu isin kadhadha; jiraatiisaaf nyaatiisa isin barbaachisa. Isin keessaa mataa nama tokkoo irraayyuu rifeensi tokkolle hin badu» jedhe.