Acts 27:38 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan duudiin nyaatanee qufaneen duuba, fe'iisa qamadi'ii abaayaa gudditti'itti darbanee hoboloo guddittii sallisane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Quumnaani aka hobolo sablisani dargaye galaana keesati jissani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii cuftii nyaatee quumnaan akka hoboloo sablisan dargaayyee gara galaanaatti gad jissan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga nyaatanii quufaniin maayessa qamadii gara galaanaa darbanii markaba irraa salphifatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haga nyaatanii quufaniin maayessa qamadii gara galaanaa darbanii markaba irraa salphifatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Marrinuu nyaatanii eega quufaniin duubatti, qamadii fe'ame gara garba ciisaa titti gatu'uun, ulffaatinna dooni'ii irraa ni salphisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan duudiin nyaatanee quufaneen duuba, fe'iisa qamadi'ii abbaayaa gudditti'itti darbanee hoboloo guddittii sallisane.