Acts 27:40 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre isaan wodaroo kutanee sibiila ulfaataa san akka abbaayaa guddittii lixu lakkisane; yoosuma wodaroo muka hobolo'oon oofanulle hiikane. Marduufa fuula duraa bubbe'etti ol kaasanee, akka bubbeen hoboloo guddittii gara qarqara abbaayaa gudditti'ii geessitu lakkisane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi sibiila hobolo lafatiini d'aabani, kutani gatani baariini ufiti gallakisani, haada mukha hobolo oofuni qajeelchani hiikhani. Jennaani woya hobolooni deemsisani ta fuula duraa olbaasani, aka lafa goddu d'aqabani iti gallakisani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii sibiila hoboloo lafatiin dhaaban kutanii gatanii, baa riitti ufi gad lakkisanii, haada muka hoboloo oofuun qajeelchan hiikan. Jennaan wayaa hoboloon deemsisan ta fuula duraa olbaassan, akka lafa godduu dhaqaban itti gallakisan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sibiila ulfaataa san hiikanii galaana keessatti gad dhiisan; hennama san haada muka markabaa hiikanii sharaa diqqoo qilleensaaf ol bananii gara qacce'ee laalanii deemuu jalqaban.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Sibiila ulfaataa sani hiikanii galaana keessatti gadi dhiisan; hennama san haada muka markabaa hiikanii sharaa diqqoo qilleensaaf ol bananii gara qacce'ee laalanii deemu jalqaban.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Xirbboota hiikanii garba ciisaa keessatti gad ni dhiisan, yeroma sanitti haada dhawataa'llee ni hiikan, kanaan duubatti uffata sharaa ka jiru gara bubbee ol fageessanii, gara bira garba ciisaa bayuuf ni deeman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan wodaroo kutanee sibiila ulfaataa san akka abbaayaa keessa lixu lakkisane; yoosuma wodaroo muka hobolo'oon oofanulle hiikane. Marduufa fuula duraa bubbe'etti ol kaasanee, akka bubbeen hoboloo guddittii gara qarqara abbaaya'aa geessitu lakkisane.