Acts 27:41 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Hoboloon guddittiin ammoo gara duraatiin lixxee, tuulaa maansaatitti rakkattee tacho'uu dadhadde; gara duubaatiin ammoo hunna danbali'iitiin caccabuu jalqadde.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo hobolooni maansa seente mataani isii mansa keesa lit'e chochou dad'abde, dudduuba isi d'awaan jabduuni d'oofte gargari ch'ach'absite.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. kabii ammoo maansa seenee mataan isaa maansa keessa lixee chocho'uu dadhabee, dudda duuba isaa dhawaan jabduun dhooftee gargarii caccabsite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo markabni lafa tuqee xidhacha keessa seenee socho'oo dide.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo bakka galaanni lamaa itti wolgayuutti kufanii markaba daangaa irra oofanii uf afo'oon lafa gad woraanee socho'uu dide; duubaan ammoo dhiibbaa danbali'iitiin caccabuu jalqabe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dooniin garuu tuulaa cirrachaa tiin wolitti bu'uu isaatiin, ufii gad ni gonbbifaman, gara duranaatiin'llee gad dhaabatee, ka hin sochoone ni ta'e, gara duubaatiin garuu dhiibiinssa danbaliitiin ka ka'een, cacabuu jala ni qabe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hoboloon guddittiin ammoo gara duraatiin lixxee, tuulaa maansaatitti rakkattee tacho'uu dadhadde; gara duubaatiin ammoo hunna danbali'iitiin caccabuu jalqadde.