Acts 27:43 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ajajaan dhibbaa ammoo Phawuloos lubbuu hamburiisaaf waan barbaadeef, akka isaan waan yaadane godhanu hin lakkinne. Inni worri daakiisa dande'u dursee hoboloo guddittii irraa utaalee akka lafatti bayanu ajaje;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo guddaani askarti maro Paulo baasu fed'eefi worra d'owe. Inni worra bisaani daakhu beekhuni qara hobolo keesaa jigaa lafa godduti baha jed'e,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guddaan warra waraanaa ammoo marroo Phaawulos baassuu fedheefii warra dhowwe. Innii qaraa warra bisaan daakuu beekuun, “Hoboloo keessaa jigaa lafa goddutti ba'a” jedhe,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ajajaan loltuu dhibbaa ammo Phaawuloosiin hambisuu yaadee marii isaanii dhoogge. Worri daakkaa beekan ammo markaba irraa gad uf dhiisa'aa, dursanii gara lafaa akka bayan,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ajajaan loltuu dhibbaa ammoo Phaawuloosiin hambisuu yaadee marii isaanii dhoogge. Worri daakkaa beekan ammoo markaba irraa gad uf dhiisa'aa, dursanii gara lafaa akka bayan,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ajajaan dhibbaa garuu Phaawulosiin jalaa baasu'uuniif waan barbaadeef, yaada isaanii hin fudhanne, kana irra bishaan daakuu worri danda'an, durssanii doonii irraa gara garba ciisa'aa utaala'aa, gara lafaa titti akka bayaniif ni ajaje.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ajajaan dhibbaa ammoo Phawuloos lubbuu hamburiisaaf waan barbaadeef, akka isaan waan yaadane godhanu hin lakkinne. Inni worri daakiisa dande'u dursee hoboloo guddittii irraa utaalee akka lafatti bayanu ajaje;