Acts 27:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Guyyaa hedduu laana hobolo'oon deennee, rakkoo guddo'oon qachaa Kiniidoosii bira geenne; bubbeelle gara duraa deemiisa yennaa nu dhooggite, oddoola Qareexisitti gollannee, cinaa Salmooniitiin dabarre.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Haga guyya heddu laanuma yaane gaargalaani Nido diqo hanqanne. Waan bubbeeni nu d'owarteefi Salmone d'aatu dabarre, Krete fulla bubbeeni injirre jala banne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Haga guyyaa hedduu laanumaa yaanee gaargalaan Kiniidos diqqumaa hanqanne. Waan bubbeen nu dhoorteef Salmoone dhaattuu dabarree, fulaa bubbeen hinjirre jala banne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa hedduu suuta jedha'aa deemnee rakkinnaan gara kolba Qeendoosii geenne. Bubbeen waan nu dhooggeef Qerxeesitti daadayannee kolba Seelmuna'aatiin deemne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guyyaa hedduu suuta jedha'aa deemnee rakkinnaan gara kolba Qeendoosii geenne. Bubbeen waan nu dhooggeef Qerxeesitti daadayannee kolba seelmuuna'aatiin deemne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaa baay'ee suuta jennee deemnnee rakkinna baay'een, gara magaalaa Qeendoos bira ni geenne, bubbeen'llee ufi durana deemuu waan nu dhoogeef, qaccee lafa Salmoonaa bira dabarreeti, eddoolaa Qarxeesii dawannaa taasfnnee ni deemnne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa hedduu laana hobolo'oon deennee, rakkoo guddo'oon qachaa Kiniidoosii bira geenne; bubbeelle gara duraa deemiisa yennaa nu dhooggite, oddoola Qareexisiititti gollannee, cinaa Salmooniitiin dabarre.