Acts 28:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ji'a sadiin duuba hoboloo guddittii Iskindiriiya'aa, ta ji'a gannaa lafa Maalxiya'aatitti baateen kaanee deenne; hoboloon guddittiin sunille waaqota lakku'uu ka, “Diyoosqoros ” jedhamu mataa irraa qaddi.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi jia sadii nu hobolo toko ta Iskanderiatini kaane, ta haga bara d'aamocha lafa suni keesa teete; maqaani isii Waaqoota lakolee jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ji'a sadiin duuba nu hoboloo Iskindriiyaa takka ta haga bara dhaamochaa lafa sun keessa teeteen kaanee yaane; maqaan isii Waaqoota lakkollee jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ji'a sadihiin maayessa markaba Iskindiriya'aa ta gooba irra jirtuun kaane; markabattii irra malkata Diyoosqoroos jedhamutu jira.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ji'a sadihiin maayessa markaba Iskindiriya'aa ta gooba irra jirtuun kaane; markabattii irra malkata Diyoosqoroos jedhamu mataa irraa qaba.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ji'a sadihi Malaaxiyatti eega tureen duubatti, doonii Iskindriyaa ka ji'a gannaa eddoolaa irratti dabarsse ture yaabannee ni muldhanne, doonihci'llee malikata waaqolee lakkuu harkaan hojjatama ka diyyoosqoroos jedhamanii, ufi irraa qaban ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ji'a sadiin duuba hoboloo guddittii Iskindiriya'aa, ta ji'a gannaa lafa Maalxiya'aatitti baateen kaanee deenne; hoboloon guddittiin sunille waaqota lakku'uu ka, «Diyoosqoros » jedhamu mataa irraa qaddi.