Acts 28:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dhugeeffattoti qachaa Rooma'aa keessa jiranu, dhufa teenna dhage'anee, kuun haga qachaa Aphiyosii, kuun haga addee “Bultuma sadi” jedhantuu nu fudhatiisaaf dhufane. Phawuloos yennaa isaan dhagge, Waaqa galateeffatee, jajjabaate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Oboleyaani achi waan kana d'ageennaani haga gabaya Apiotifi mana sadi ka keessuma jed'ani yoyo teenna d'ufte. Pauloni oboleyaani arginaani Waaqaa galata deebise garaa jabaate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obbooleeyyan dhugeeffatte ta dira Roomaa waan kana dhageennaan achii haga gabayaa Aphiyosittti, mana sadii ka ka keessummaa jedhan, yooyyoo teennaa dhufte. Phaawulos warra arginaan Waaqaa galateeffatee garaa jabaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achittillee obboleewwan waan keenna dhagayan haga gabayaa Afiiyuusiitii fi haga hulee, «Bultii sadihii» jedhamuu nu simachu'uuf yaa'an. Phaawuloosillee hennaa isaan arge Rabbiin galatoonfate; garaan isaallee hin jajjabaate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achittillee obboleewwan waan keenna dhagayan haga gabayaa Afiiyuusiitii fi haga hulee, «Bultii sadihii» jedhamuu nu simachu'uuf yaa'an. Phaawuloosillee hennaa isaan arge Rabbiin galatoonfate. Garaan isaallee hin jajjabaate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Amanttoonni Roomaa jiran'llee waayee keenna yeroo dhagayanitti, haga gabaa Afiyuus, «Bulttiiwwan sadihii» haga bakka jedhamttuu nu simachu''uuf ni dhufan, Phaawulos'llee yeroo isaan argetti, Waaqa galateeffatee ni jajjabaate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhugeeffattooti qachaa Rooma'aa keessa jiranu, dhufa teenna dhage'anee, kuun haga qachaa Aphiyosii, kuun haga addee «Bultuma sad» jedhantuu nu fudhatiisaaf dhufane. Phawuloos yennaa isaan dhagge, Waaqa galateeffatee, jajjabaate.