Acts 28:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Guyyaa sadiin duuba, Phawuloos sooreyyii Yihudootaa wolitti waansise. Yennaa isaan wolitti qabamane, “Obboleeyyan tiyya; ani kolbaa teenna irratti yookiin aadaa abbootii teennaa irratti yakkaa tokkolle adoo hin godhin, Yerusaalem keessatti hidhamee, harka worra Rooma'aatitti dabarfamee kenname.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi guyya sadi Pauloni jara gugurda Yahudi wolti yaame. Worri wolwoldeennaani inni waan worraani jed'e, Oboleyaani, ato anini waan biyya yokhaani aada ababoota teenna tokole iyakini, na hid'ani, Yerusalemu na fuud'ani, harka gosa Rumiti na kennani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guyyaa sadiin duuba Phaawulos jara gugurdaa Yihudii koraa walti yaame. Warrii walwaldeennaan Phaawulos, “Obbooleeyyan tiyya, adoo anin waan biyyaa yokaan aadaa abaaboota teennaa tokkoollee hin yakkin, hidhanii, Yerusaalem keessattii na hidhanii harka gosa Roomaatti na kennan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa sadihiin maayii Phaawuloos hangaftoota Yihuudotaa gara ufii waamee hennaa isaan wol gayan akkana isaaniin jedhe, «Obboleewwan tiyya! Ani banii yookaan sirna abbootaa mormu'uun waan tokko uduu hin godhin Yerusaalemitti akka hidhametti harka worra Rooma'aatitti dabarsanii na kennan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guyyaa sadihiin maayii Phaawuloos hangafoota Yihuudotaa gara ufii waamee, Hennaa isaan wol gayan akkana isaaniin jedhe, «Obboleewwan tiyya! Ani banii yookiin sirna abbootaa mormu'uun waan tokko uduu hin godhin Yerusaalemitti akka hidhametti harka worra Rooma'aatitti dabarsanii na kennan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaa sadiin duubatti Phaawulos Roomaa worra jiraatan namoota Yihudotaa ol aanttota ni waamsise, yeroo wolitti qabamantti'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Yaa obboleeyyan tiyya, ummata Israa'eelii irrattii fi seera abbootii isaanii irratti wonitti raawwadhe balleessaan woyiituu hin jiru, haa ta'u malee Yerusaalemtti hidhamee worra Rooma'aatiif dabarffamee ni kenname.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa sadiin duuba, Phawuloos sooreyyii Yihudootaa wolitti waansise. Yennaa isaan wolitti qabamane, «Obboleeyyan tiyya; ani kolbaa teenna irratti yookiin aadaa abbootii teennaa irratti yakkaa tokkolle adoo hin godhin, Yerusaalem keessatti hidhamee, harka worra Rooma'aatitti dabarfamee kenname.