Acts 28:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri Rooma'aa na qoranee, yakkaa du'a anatti mursiittu waan dhabaneef, ana hiikiisaaf barbaadane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi dubbi tiyya qorani, na gadilakisu fed'ani, waan wonti anini duu maleefi tokoleeni injirreefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii Roomaa dubbii tiyya qoree, balleessaa du'a nattiin muru tokkoollee narraa dhamnaan na gadi dhiissuu fedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee na qoratanii sababaan na ajjeesisu waan na irra hin jirreef na hiiku'uuf yaadan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee na qoratanii sababaa na ajjeesisu waan narra hin jireef na hiiku'uuf yaadan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Worri Roomaa'llee eega ana qorataniin duubatti, waan du'aan ana adabssiisu waan narratti hin argatiniif, bilisaan gad ana dhiisuu barbaadanii turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Rooma'aa na qoranee, yakkaa du'a natti mursiittu waan dhabaneef, na hiikiisaaf barbaadane.