Acts 28:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Namooti oddoola sanii, waan baaseffachiisu nuu godhane; roobaa fi boojjii waan teeteef, ibidda gabbisanee nu duudii fudhatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri lafa suni guddo nuu qarqaare nu nahe, ibida nuu bobeese, maro d'aamocha bokayatiifi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii lafa sunii guddoo nuu na'ee, waan bokka'ii roobee laftii dhaamottuuf, nu qarqaaree ibidda nuu bobeesse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Aramaayoonni gooba san irra jiraatan waan mishaa maalalchiisaa nuu godhan. Hennaan sun rooba waan ta'eef qorraaf ibidda nuu bobeessanii nu maraa simatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Aramaayoonni gooba san irra jiraatan waan mishaa maalalchiisaa nuu godhan. Rooba waan ta'eef qorraaf ibidda nuu bobeessanii nu maraa simatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jiraattonni eddoolaa sanii mishummaa nama dinqisiisu nuuf ni taasisan, Yeroo kanatti'llee roobinni waan roobee fi qorra waan ta'eef, ibidda bobeessanii ni simatan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti oddoola sanii, waan baaseffachiisu nuu godhane; roobaa fi boojjii waan teeteef, ibidda gabbisanee nu duudii fudhatane.