Acts 28:21 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan deebisanee, “Lafa Yihuda'aa irraa xalayaan tokkolle marroo teetiif nuuf hin barreeffanne; yookiin kolbaan teenna ta achii dhutte oduu yookiin waan hantuu tokkolle marroo teeti hin dubbanne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri waan Pauloni jed'e, Waan dubbi teeti nu tatabe lafa Yudea keesa inarganne, ammalle oboleyaani ta arma d'ufte waan hamtu sirati garte woma indubbanne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii innii itti dubbate sun ammoo, “Waan dubbii teetii nu ergaa lafa Yihudaa keessa hinarganne, ammallee obboleeyyan achii arma dhufteelleen waan hamtuu teetii homaa hindubbanne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee, «Nu Yihuudaa irraa waan kee xalayaa tokkollee hin arganne; obboleewwan keessaa tokkollee dhufee waan kee hamaa nutti hin himne; yookaan ka nutti dubbate hin jiru.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee, «Nu Yihuudaa irraa waan kee xalayaa tokkollee hin arganne, obboleewwan keessaa tokkollee dhufee waan kee hamaa nutti hin himne, yookiin ka nutti dubbate hin jiru.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee akkana jechuun ni deebisaniif, «Xalayaan waayee keetiif, biyya Yihudaatii barreeffame nu hin geenne, namoota garana dhufan keessaa'llee, eennu'llee waayee kee ka hamaa dubbate hin jiru.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan deebisanee, «Lafa Yihuda'aa irraa xalayaan tokkolle marroo teetiif nuuf hin barreeffanne; yookiin kolbaan teenna ta achii dhutte oduu yookiin waan hantuu tokkolle marroo teeti hin dubbanne.