Acts 28:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Te'uu malee kolbaan addee duudi'itti golii dhugeeffannaa teetii tana akka mormitu hin beenna; nuuti ammoo yaada keeti dhage'uu barbaanna” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo waan atini hereddu d'agayu imfeena, waan fulla ch'ufati aada atini gula deemtu tana nami ch'ufti hameenna isii dubbattufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo waan atin herredduu dhaga'uu infeena; waan fulaa cufaatti aadaa atin gula deemttu tana namii cuftii hameenna isii dubbattuf” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo waan worra kanaa hulee maratti akka morman nu biratti waan beekkameeruuf waan yaaddu si irraa dhagayuu feena» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo waan worra kanaa hulee maratti akka morman nu biratti waan beekkameeruuf waan yaaddu sirraa dhagayuu feena» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Amantii kutaa ati horddofaa jirttuu kana, bakka marattuu namoonni akka mormmaniin ni beekinna, kanaaf yaanni kee maal akka ta'ee beekuu ni barbaanna» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee kolbaan addee duudi'itti golii dhugeeffannaa teetii tana akka mormitu hin beenna; nuuti ammoo yaada keeti dhage'uu barbaanna» jedhane.